Bakka Hin bulle hin galgaleeffatiin!
Lafa sin madalle, jireenya sin madalle, ilaalchaf karaa sin madalle keessa hin galgaleeffatiin. Bu'aan bakka hin bulle galgaleeffachuu bineensoota halkan yaa'aniin weeraramuu fida! Bu'aan jireenya hin barbanne keessa jiraachuu; hiyyummaa, rakkoo, abdi kutannaaf gadda jireenya keessa jooruu dhala.! Har'aan jijjirama utuu jettu, qoosaan ati jireenya Kee irratti Taphattu, gola abdi Kee tarsaasa; kanaaf har'uma jijjirama haqaa jijjiramuuf dammaqi!
Ilaa kunoo;
Aduun har'a baate kunoo amma lixxeetti ; humna ittiin ganama har'aa kana as deebiftus hin qabdu; keessatti gaarii hojjattuus ykn badaa kun dhimma Aduu miti! Aduun kaayyoo uummamteef seeraaf haala ajaa'iba ta'een bahachaa jirti; si'aatii 12 guutuu siif iftee, akka keessatti iftee mul'attuuf siif baateetti, ati keessatti dukkanooftus, micciramtuus, jijjiramtuus dhimma ishee miti! Kufaatii keefis itti gaafatamummaa hin qabdu! Keessatti jiruu jiru jiruu urgaa'u uumtee hojjachuun dalagaa keeti! Dalagaan Aduu siif ifudha!
Kanaaf jireenya jiraachuuf jiraadhu!
"Namoonni hunduu ni du'u, namoonni jiraatanii darban garuu muraasa" jedhe hayyuun tokko! Har'a nuuf darba jennee utuu mul'ata nu hin ilaallanne keessa qaariinuu, barri nuuf dabarsuu dhiisee nuun darbu danda'a. Kanaaf har'a jireenya Madda gammachuu keenya hin taane keessa galgaleeffachuu dhiisnee, jireenya gammachuuf fedha keenya dhugaan kuullame jiraachuuf haa qabsoofnu! Utuu mul'ata keef hin jiraatiin aduun jireenyaa sirraa hin lixiin! Jabaadhu tattafadhu! Si caala kan jireenya keef fiigu hin jiru! Jireenya sin madalle keessa rafuu dhiisi! Michuu jireenya gaarii ta'i! Jireenya si gammachiisu irrayyuu taree gammachuu namoota biroof sababa ta'u jiraachuuf dhama'i! Hin dhibaa'iin! Boriin jijjirama jettee har'a hin taa'iin; keessatti jijjiramuuf guyyaa har'aa caalaa kan sitti siqu hin jiru waan ta'eef!
Eeyyee jireenya sin madalleef, si hin ilaallanne keessa hin galgaleeffatiin! Via Saamu'eel
@segnigudeta @WABIISGMostrar más ...