Namarraa Barachuu Caalaa Jireenya Risaarraa Barachuutu Seexaa Natti Hore. Via Yeyis Biru Negero
SEENAA
#RISAA NI BEEKTUU LAATA?
Jireenya haaraafi fooyya’insa qabu jiraachuuf of jijjiiruun murteessaadha. Of jijjiiruun immoo; sammuu, barnoota, ilaalcha, qabeenyaa, siyaasa, jireenya, barteefi kan biro dhaan ta’uu ni mala. Yeroo baayyee mammaaksi kun irra deddeebi’ee yoo ka’u warra muraasatti abdii horee warra baayyeemmoo urjii lakkoofsisa. “Salgan Culullee mannaa tokkicha Risaa wayya” jedhama.
Risaan allaattota jiran keessaa isa cimaadha, iji isaa dandeetti fageenyarratti arguu qaba. Giddugaleessaan umurii gara Ganna 40 jiraata. Risaan dhaltuun killee tokkoo hanga afuriitti buuftee hammatti. Mandhee isaa muka guddaa ykn ededa qilee irratti ijaara. Mandhee isaa yeroo ijaaru, bineensa Wakkallee jedhamu ajjeesee gogaa ishee irraa baasee ittiin eegala. Gogicha irra qoraatti gosa garaagaraa hafa/naqa, qoraatticharra biyyoo guuree fidee firfirsa, biyyoo kanarrammoo baalaafi citaa ciree fidee irra tuula. Kanarratti hanqaaquu eegala.
Erga hanqaaqee yaasee booda, hamma isaan deggersa barbaadanitti nyaata gosoota garaagaraa foon dabalatee adamsee fidee soora. Yeroo isaan of danda’uu eegalan fuudhee ba’ee balali’uu shaakalchiisa. Isaan keessaa, tokko kan balali’uu, nyaata ofin barbaaddachuu hinbarbaanne akka tasaa ni hafti.
Achumatti gatee deemee warra kaan waliin balali’ee nyaata funaanee gala. Ishee mandhee keessatti hafte immoo baala ykn citaa isheen irra teessu jalaa luqqisee biyyootti baasee achumatti dhiisee deema. Ammas yoo hin sochoone ta’e biyyoo sana irraa funaanee qoraattiitti baasee deema. Ammayyuu qoraattii keessa teessee akka isheen deggersa eegdu adda baafata. Yoo isheen achuma jirti ta’e nyaata dhowwatee adaba.
Kana booda garaa duwwaadhaan dugdasaatti baatee balali’uu eegala. Cina galaanaa ga’ee koochoosaa shafaxa jallisee kuffisuuf doorsisa. Akka kanatti akka isheen jabaattee of dandeesu godha. Kana booda umurii 40tti yeroo siqatu koochoon isaa ni dadhaba, qeensi isaas akka duraanii qabachuu dadhaba. Kanaaf yoo of jijjiiruuf murteeffatee jireenya isaa irratti murtoo hadha’aa fudhata, aarsaa cimaa kanfala.
Yeroon Of Jijjiiruu Aarsaa Gaafata=
Garee Risaa warroota wajjin jiraataa ture keessaa gara moggaatti ba’uu qaba. Bakka mijataa hintaanetti of geessuu murteeffata. Kanaachi calluma jedhee yoo taa’ee kan isatti adeemee dhufu du’a qofadha. Gara moggaatti erga ba’ee, guutummaa koochoo isaatii ofirraa luqqisee cira. Qeensa isaallee ni bubuqqisa. Hanga qaamni isaa dhiiga roobsutti guutummaa jireenyasaa dhiigaaf saaxila, foon qofatti deebi’a.
Titiisaafi ilbiisota madaasaa tuttuqan mara danda’ee of irraa dhorkee lammaffaa deebi’ee koochoofi qeensasaa biqilchata. Koochoofi qeensisaa kun biqiluuf guyyaa 150 (ji’a shan) isa fudhata. Yeroo inni haala akkasii keessa jiruu warrootni haala mijataa keessa jiran hinbeekaniif!
Kana booda yoo xinnaate giddu galeessaan waggaa 30 jiraata. Kanaaf Risaan yoo of jijjiiree yoo xinnaate wagaa 70 ol jiraachuu ni dandaa’a.
#Seenaa Risaa irraa maal barattan?
#Qoraatti keessa taa’anii qoraatti waliin madaqanii jiraachuun jireenya ni jedhamaa?
#Of jijjiiruun haala mijataa keessatti ni taa’aa?
#Ofjijjiiruuf haala keessa turre keessa teenyee itti fufuun ni taa’aa?
#Wantoota akka nuti of hinjijjiirreef nu dhorkan ofitti kunuunsinee jiraachuun milkaa’umsa keenyaaf nita’uu?
#Of jijjiiruun aarsaa hanga dhiiga roobuutti yoo nutty fide jijjiiramamoo jireenya mul’ata hinqabne qabannee jiraachuu filanna?
seenaa #Risaa# irraa waan barattan comment godhaa dhalootaaf ergaa dabarsaa!
Показать полностью ...