Godina Salaalee aanaa Dharraatti konkolaachistoonni naannoo Amaaraa keessa qaxxaamuruun gara Ficheefi Finfinnee akka deeman taasifaman ajjeefamuu jiraattonni himan.
Konkolaachistoonni kunneen ukkaamfamuun birrii miiliyoona 1 hanga 2 erga gaafatamanii booda birriis irraa fudhachuun ajjeefamuu isaaniitu himame.
Konkolaachistoonni baay’inaan gara sagalii ta’an osoo gara Ficheefi Finfinnee deemaa jiranii humnoota finxaaleyyii faannoo Amaaraan gammoojjii Fexiraa jedhamutti torban dura qabamuu maddeen ibsan.
Humnoonni kun konkolaachistoota kana erga qabamii booda viidiyoodhaan waraabamanii ergaa dubbachaa turaniin baatiiwwan hedduuf Dharraa keessa dhaabbataa turuun rakkatanii filannoo dhabanii karaa naannoo Amaaraa keessa dabarsu kanaan imala isaanii gara Finfinneefi Fichee akka eegalan himu.
Humnoonni finxaaleyyii faannoo kun nagaan akka isaan geggeessaa jiran viidiyoo kana irratti yoo dubbatan kan dhaga’amu ta’ullee, viidiyoo sana waraabanii erga qoodanii booda konkolaachistoota kana dhabamsiisaniiru jedhame.
Dargaggoo Milkeessaa Xilaahun konkolaachisaa kan ta'e naannoo sanatti humnoota kanaan warra qabame keessaa tokko yoo ta’u, maatiitti bilbiluun birrii miiliyoona 1 fi kuma 200 erga fudhatanii booda ajjeesan jedhame.
Jalqaba miiliyoona tokko gaafatanii jennaan, abbaan isaa lubbuu ilma isaa baraarrachuuf mana qabu qabsiisee maallaqa kana liqeeffachuun humnoota finxaaleyyii faannoo Amaaraa kanaaf erguu himan.
Erga birrii miiliyoona tokko kana fudhatanii booda ammas birrii dabalataa kuma 500 gaafannaan, kadhatee gara birrii kuma 200 tti hir’isaniif jedhu.
Birrii kuma 200 kanas, namoota irraa kadhachuun dabalata humnoota kanaaf ergan illee ilma isaanii lubbuun baafachuu hin dandeenye.
Konkolaachistoota sagal qabamanii turan keessaa torba dhalattoota Oromoo ta’anii Godina biraa ta’uu kan himan maddeen, lama immoo dhalattoota Aanaa Dharraati jedhan.
Konkolaachistoota kanneen hunda tokkoo tokkoo isaanii irraa birrii miiliyoona tokkoo hanga lamaa gidduu erga irraa fudhatanii booda ajjeesaniiru jedhu maddeen aanaa Dharraa itti dhiyeenyaan beekan.
Konkolaachistoonni kun naannoo Amaaraa keessaan gara Ficheefi Finfinnee akka deeman kan taasisan, abbootii qabeenyaa fi caasaawwan mootummaa aanaa Dharraa kanneen humnoota finxaaleyyii kana deggeru jedhamanidha.
Aanaa Dharraa gandoota baay'ee keessa humnoonni finxaaleyyii faannoo socho'aa jiraachuu kan himan maddeen, gandoota isaan keessa socho'an kana keessatti uummanni gibira isaaniitti kanfala jira jedhame.
Gandoota kudhanii ol ta’an qabachuun keessa qubatanii wal leenjisaa uummata gandoota kanneenii gibira kaffalchiisaa jiru jedhan.
Magaalaa Guddattuu Sararkullaa, Maammoo Buqinii, Maakkafta Mannayyoo, Maakkafta Jirruu, Abbuu Godoo, Bahiit, Gabroo Barreessaa, Karaaba, Magaalaa Guddattuu Tuutii, Hoomaa Boniyyaa, Hoomaa Barrisoo fi kanneen biroo to’annaa humnoota kanaa jala jiran jedhu maddeen.
Gandoota kana keessattis Kaambii Waraanaafi Mooraa leenjii banachuun itti wal leenjisaa jiraachuu himu.
Daandii aanaa Dharraa irraa ka’ee Oromiyaa keessaan gara Finfinneefi Fichee geessu cufanii kan naannoo Amaaraa keessa qaxxaamursee Ficheefi Finfinnee geessu banuun, gandoonni hedduun humnoota kanaan qabamee osoo jiruu callisanii ilaaluun akkuma karoora isaaniitti aanicha suuta suutaan bulchiinsa naannoo Amaaraa jala galfataa akka jiran argisiisa jedhaniiru.
Uummata humnoota finxaaleyyii kana ofirraa ittisu meeshaa irraa hiikuufi hidhuun immoo caasaan mootummaa aanichaa humnoota finxaaleyyii kanaaf loojistikii dhiheessuun haalota mijeessaafii deemaa jiru jechuun ibsaniiru.
Maddi OMN
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
Показати повністю ...