Best analytics service

Add your telegram channel for

  • get advanced analytics
  • get more advertisers
  • find out the gender of subscriber
Category
Channel location and language

audience statistics ABDII SABAA

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 💬NU QUNNAMUUF💬   @Abdiisabaa Dm  🎯MARIIF  @Abdiisabaa  
340 408+241
~78 210
~17
25.92%
Telegram general rating
Globally
2 434place
of 78 777
1place
of 51
In category
80place
of 2 347

Subscribers gender

Find out how many male and female subscibers you have on the channel.
?%
?%

Audience language

Find out the distribution of channel subscribers by language
Russian?%English?%Arabic?%
Subscribers count
ChartTable
D
W
M
Y
help

Data loading is in progress

User lifetime on the channel

Find out how long subscribers stay on the channel.
Up to a week?%Old Timers?%Up to a month?%
Subscribers gain
ChartTable
D
W
M
Y
help

Data loading is in progress

Since the beginning of the war, more than 2000 civilians have been killed by Russian missiles, according to official data. Help us protect Ukrainians from missiles - provide max military assisstance to Ukraine #Ukraine. #StandWithUkraine
Barattoonni gannaa Yuunivarsitii Aksuum keessatti barachaa turanii fi Yuunivarsiitii biroo keessatti barachuu hin jalqabne, barnoota isaanii akka itti fufaniif akka galmaa'an himame. Kanaaf hanga Caamsaa 16/2016tti toora interneetii irratti galmaa'uu akka qabdan yunivarsitichi beeksiseera. Galmaa’uuf: Barattoonni toora interneetii irratti hin galmoofne baajatni waan hin ramadamneef akka hin keessummeessine yunivarsiitichi ibseera. Barattoonni ganna yunivarsiitiiwwan biroo keessatti barnoota isaanii itti fufan galmaa’uu hin danda’an.
Show more ...
25 963
15
Fuula Feesbuukii miidiyaa ammuma hordofaa
Log in or sign up to view
See posts, photos and more on Facebook.
36 608
5
Luba Balaay Makonniin Dabalatee Namoonni Dhuunfaan 5 Yakka Waliindhahuu Cimaan Himanni Irratti Baname Luba Balaay Makonniin dabalatee namoonni dhuunfaan 5 yakka malaammaltummaa waliindhahuu cimaan Dhaddacha Idileetiin himanni irratti banameera. Namoonni kunneen Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Dhaddacha dhimmoota yakka malaammatummaa ramaddii 3ffaa Lidataatti himatamuu eerameera. Namoonni dhuunfaan kunneen1ffaa Luba Balaay Makonniin, 2ffaan Hojii Invastimantii Qonnaarratti bobba’ee kan argamu Iyyaasuu Indaale Waldamasqal, 3ffaan, Hojii Komishiniirratti kan hojjetu Barakat Mulaat Jaafaar, 4ffaa Alemganaa Saamu’eel Diinsaa fi 5ffaan Hojii gaggeessaa Dhaabbata Daldalaa Dhuunfaa Nimoonaa Itti gaafatamummaan isaa Murtaa’e Abarraa Margaa Tasfaayee ta’uu ibsameera. Himatamtoota 4ffaa fi 5ffaan to’annaa jala kan hin oolle yoo ta’uu, kan hafan Dhaddachaaf dhiyaataniiru. Himatamaan 2ffaan Meeshaalee ijaarsaa Gamtaa Afrikaaf kan dhiyeessu fakkeessuun baatii Ebla bara 2016 Doolaarri miiliyoonni 1 Lakkoofsa Herreega Baankii Gamtaa Afrikaarraa gara Lakkoofsa Herreega Baankii Dhuunfaa isaatti akka jijjiiramu sanada sobaa kaffaltii maqaa isaan qopheessuu isaan himatameera. Himatamaan 3ffaan Barakat Mulaat Jaafaar Gamtaa Afrikaaf Boolla Bishaanii gadi fagoo qotuuf kan waliigale ta’uu isaan Lakkoofsa Herreega Baankii gamtichaarraa Doolaarri miiliyoonni 2fi kumni 525 ol gara lakkoofsa Herreega Baankii Dhuunfaa isaatti galii akka ta’u sanada sobaa maqaa isaaniin qopheessuu isaan himatameera. Himatamaan 4ffaan Alemganaa Saamu’eel Diinsaan Gamtaa Afrikaaf Boolla Bishaanii gadi fagoo qotuun hojjechuu isaaniin Doolaarri miiliyoonni 1 fi kumni 315 lakkoofsa Herreega gamtichaarraa gara lakkoofsa Herreega Dhuunfaa isaatti galii akka ta’u ajajuu kan mul’isa sanada kaffaltii sobaa maqaa isaan qopheessuu isaan, Himatamaa 5ffaan Meeshaalee ijaarsaa garaagaraa dhaabbata hogganuun Gamtaa Afrikaaf akka dhiyeessee fi gamtaan Afrikaa kaffaltii Doolaara miiliyoona1 fi 210 gara lakkoofsa Herreega Dhaabbatichaatti akka jijjiiruuf sanada sobaa maqaa isaan qopheesseuun himatameera. Maallaqa kanneen baasii taasiisuuf Sanadoota kanneen yeroo fi iddoo hin beekamnetti himatamaa 1ffaaf kennuu isaaniin himatamaniiru. Himatamtoonni tarree 1ffaa hanga 3ffaa jalatti argaman dhaddachaaf dhiyaachuun eenyummaa fi teessoon isaanii erga galmaa’ee booda ibsi himannaa isaan qaqqabuu eerameera. Himatamtoonni 4ffaa fi 5ffaan Poolisii dhimmi ilaallatuun barbaadamanii akka dhiyaatan yeroo itti aanu beelamni kan kennamu ta’uu ibsameera. Yaadaa, Qeeqaa fi Eeru qabdan karaa nu qaqqabsiisaa, sagalee keessan dhageessisaa. 📡 MIIDIYAA 📡 SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
Show more ...
Support
Baga nagaan dhuftan. Kallattiin kara dhimma keessaniitti seenaa!
47 314
19
Miseensonni waraana Tigraay kuma 274 ol ta'an hidhannoo hiikuuf jedhameera. Itti aanaan komishinara Komishinii Riifoormii Biyyaalessaa Obbo Tasfalem Yihidigo miseensonni waraana Tigraay 274,000 ol hidhannoo hiikkachuuuf akka adeeman BBC'tti himaniiru.
44 259
5
Barattoota maraaf! Sagantaa sasalphaa karaa chaanaala barattootaa adeemsifamaa jiru irratti hirmaachuun badhaasa garaa garaa argachuu ni dandeessu. Badhaasni karaa adeemsifamaa jiru barattoota qofaaf yommuu ta’u haala yeroo barattootaa hin qisaasessinetti kan qophaa’edha. Karaa seenuun carraa keessan yaalaa. Carraa Gaarii! SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
61 563
19
Barattuu of gargaaruuf osoo adeemtu ajjeefamte! Barattuu Daraartuu Lammeessaa mooraa Yuunivarsitii Asoosaa keessaa ba’uun hiriyoota ishee waliin hojiif osoo adeemtuu namni waraanee ajjeese. Daraartuun barattuu waggaa 4ffaa muummee Jiyoogiraafii yommuu taatu dhalattodhalattuu Godina Qellem Wallaggaa aanaa Gaawoo Qeebbee turte. Taateen kun kan mudate guyyaa gaafa 7/9/2016 ganama sa’a 2:30 tti hojii hojjettee of gargaaruuf osoo adeemaa jirtuu ta’uu miidiyaan@Abdii_Sabaa odeeffateera. Battaluma taateen kun mudateenis hospitaala Asoosaatti geeffamtus lubbuun hafuu hin dandeenye. Namni kun sababa maaliif yakka kana akka raawwate hamma yoonaatti wanti barame hin jiru. Battala yakka kana raawwateen miliquuf yaalus hawaasa naannoon qabamuun to’annaa seeraa jala oolfamee jira. Reeffi barattuu kanaas sa’a ammaa maatiif ergamee jira. Lubbuun darbuu barattuu kanaaf gadda guddaa nutti dhaga’ame ibsaa taatee mudate hordofuun ballinaan kan isiniif gabaasnu ta’a. Maatii hiriyoottaniifi fi firoottan ishee maraaf jajjabina hawwina! Yaadaa, Qeeqaa fi Eeru qabdan karaa nu qaqqabsiisaa, sagalee keessan dhageessisaa. 📡 MIIDIYAA 📡 SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
Show more ...
Support
Baga nagaan dhuftan. Kallattiin kara dhimma keessaniitti seenaa!
59 873
29
55 201
11
Tootenhaam 0-2 Maanchister Siitii Erliingi Haalaandi galchii lama lakkoofsise. Maanchister Siitiin qabxii 88 Liigicha dursaa jira. Tapha dhumaa West Haam waliin qabu injifannaan walitti aansee yeroo arfaffaaf waancaa mo’achuu isaati. Arsenaal erga Aston Viilaadhaan mo’amee taphoota kaan mo’atus waggaa 20 booda waancaa Piriimer Liigii kaasuuf mo’amuu Maanchister Siitii eeggataa ture. Amma tapha tokkittii hafte irratti waan tahu hin fakkaatu. Kun deeggartoota Arsenaaliif gadda guddaadha. Gama biraan Tootenhaam waan mo’ameef bara dhufu Aston Viilaan Shaampiyoonsi Liigiif darbeera.
Show more ...
63 574
21
MCI 2 TOT 0
57 541
5
Tapha murteessaa Tootenhaamii fi Maanchiister Siitii gidduutti taphatamu. Piriimeer Liigii Ingilaandiin har’a taphni qixxeessituun Tootenhaamii fi Maanchiister Siitii gidduutti taphatamu xiyyeeffannoo argateera. Har’a halkan sa’aatii 4:00 irraa jalqabee taphni Maanchiister Siitiin morkii waancaa caalmatti murteeffachuu fi Tootenhaam ammoo carraa dhiphaa hirmaannaa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa argachuuf qabu bal’ifachuuf taasiisan hawwiin eegama.
73 837
14
#ADS ✅Asoosama miira namaaf kennu ✅Qoosaa gaggabaaboo miira qabu ✅ Baacoo ergaa qabuu 🏓 Seenaa barnootaafi muxannoo namaaf Kennu argachuuf Dirreen Boohartii isin faana Jira. Join gochuun hordofaa 🙏🙏🙏🙏 👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
DIRREE BOOHARTII🟥🟦
✓Qoosaafi Baacoo adda addaa...😆 ✓walaloo kolfaan😆 ✓Qoosaa gaggabaaboo 😃😃... ✓Jechoota hayyootaafi gorsa Beektotaa ✓Memes kolfisiisoo ✓ Baga nagaan gara dirree boohartii Dhuftan
11 368
1
#ADS ✅Asoosama miiraa namaaf kennu ✅Qoosaa gaggabaaboo miira qabu ✅ Baacoo ergaa qabufi 🏓 Seenaa barnootaafi muxannoo namaaf Kennu argachuuf Dirreen Boohartii isin faana Jira. Join gochuun hordofaa 🙏🙏🙏🙏 👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
DIRREE BOOHARTII🟥🟦
✓Qoosaafi Baacoo adda addaa...😆 ✓walaloo kolfaan😆 ✓Qoosaa gaggabaaboo 😃😃... ✓Jechoota hayyootaafi gorsa Beektotaa ✓Memes kolfisiisoo ✓ Baga nagaan gara dirree boohartii Dhuftan
1
0
Sagantaa badhaasaa irratti hirmaachuuf 👇👇👇👇
62 959
0
RAAJII Afrikaa Kibbaatti hojjettoonni Jijjiga Gamoo keessa turan guyyaa 5 booda lubbuun argamuu gabaafame. Afrikaa Kibbaa Magaalaa Joorjitti guyyaa 5 dura Gamoon Ijaaramaa ture Jiguun miidhaa qaqqabsiisuun Balaa qaqqabeen hanga ammaatti lubbuun hojjettoota 23 yoo darbu, 29 ammoo lubbuun argamuu RT fi VODn gabaasaniiru.
68 473
7
ODUU DINQISIISAA Malkaa Bal’ootti namootni 12 bakakkaan miidhaa irraan gahee mala aadaan yaalamanii ''fooyyeerra jirra'' jedhan. Godina Harargee Bahaa Aanaa Malkaa Bal’ootti dilbata darbe bokkaa roobaa ture hordofuun bakakkaa bu’een namoota 12 irraan miidhaa erga qaqqabee booda mala aadaatiin yaalamuun sa’a ammaa fooyyee akka qaban himaniiru. Hawaasni naannichaa namoota bakakkaan miidhe kana 12’n lafa keessa awwaaluun sa’aatii 1 hanga 2 tursanii akka bahanis himan.
63 618
28
Sagantaa badhaasaa irratti hirmaachuuf 👇👇👇👇
16 779
2
Oolmaa Barattoota Yuunivarsitii Gaambeellaa. Walitti bu’iinsa barattoota naannoo biroofi barattoota naannoo Gaambeellaa gosa Nuweer ta’an gidduu.

IMG_5408.MP4

IMG_5409.MP4

IMG_5410.MP4

67 343
19
Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Furiitti Zayinni nyaataa, Sukkaarri, Daakuu, Ruuzii, Missirrii fi Xaa’oon biyyoo manakuusaa keessatti seeraan ala kuufame to’ataman. Ajajan Poolisii Kutaa magaalichaa koomaandar Fufaa Magarsaan akka ibsanitti, eeruu dhiyaatee hordofee sakkata’iinsa taasiifameen meeshaaleen nyaataa fi Xaa’oon to’atamu dubbataniiru.
66 099
12
Sagantaa badhaasaa irratti hirmaachuuf 👇👇👇👇
29 725
4
#ADS Gaafii COC fi Exit exam yeroo darbee walitti sassaabee  deebii ibsa gabaabaa(yeroo keessan haala qusatuun)isinif fide kunooti. Gaafficha bifa namatti toluun waan qophaaheef salphaatti irraa hubattu. Gaaffiiwwan hedduu guyyaa guyyaan isin biraan ga’uu itti fufna. Nu hordofaa
EXIT Exam $ Licensure(COC) Exam PART; 26 ^th(kutaa 26 FFAA); with ANSWERS
watch on https://youtu.be/aa3_EagCn58Exit Exam Pharmacy Question ANswers LIKE godhi nama hedduu bira akka gehuuf!Subscribe godhii maatii tahi haaraan# viral...
39 113
66
Sagantaa badhaasaa irratti hirmaachuuf 👇👇👇👇
11 864
2
#Xiyyeeffannoo Gaambeellaatti barattoonni Oromoo haala yaaddessa keessa jiru. Akkuma yeroo darbe gabaasnee turre yuunivarsitii Gaambeellaa keessatti barattoonni Oromoo haala yaaddessaa keessa akkuma jiranitti jiru! Guyyaa harraas barattoota irratti miidhaan garaa garaa akka dhaqqabaa jiru odeeffannoon nu qaqqabaa jira. Qaamni dhimmi ilaallatu furmaata hatattamaa akka kennuuf barattoonni irra deddeebiin cimsanii gaafachaa jiru. Yaadaa, Qeeqaa fi Eeru qabdan karaa nu qaqqabsiisaa, sagalee keessan dhageessisaa. 📡 MIIDIYAA 📡 SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
Show more ...
Support
Baga nagaan dhuftan. Kallattiin kara dhimma keessaniitti seenaa!
77 754
16
#Xiyyeeffannoo Gaambeellaatti barattoonni Oromoo haala yaaddessa keessa jiru. Akkuma yeroo darbe gabaasnee turre yuunivarsitii Gaambeellaa keessatti barattoonni Oromoo haala yaaddessaa keessa akkuma jiranitti jiru! Guyyaa harraas barattoota irratti miidhaan garaa garaa akka dhaqqabaa jiru odeeffannoon mu qaqqabaa jira. Qaamni dhimmi ilaallatu furmaata hatattamaa akka kennuuf barattoonni irra deddeebiin cimsanii gaafachaa jiru.
422
0
Sagantaa badhaasaa irratti hirmaachuuf 👇👇👇👇
3 873
0
Sagantaa badhaasaa irratti hirmaachuuf👉
1
0
Dr. Abiy Ahmed Baahir Daar deeman! Naannoo Amaaraa magaalaa Baahir Daaritti riqicha laga Abbaay irratti ijaarame eebbisuuf Muummichi Ministeeraa Baahirdaaritti argaman. Riqicha kana ijaaranii xumuruuf qarshii biliyoona 1·4 akka itti ba’es himameera. Waldhabdee mootummaafi garee fiinxaleeyyii Faannoo waliin taassifamaa jiru akkuma beekamutti ta’ee , muummichi ministeeraa achitti argamuun mootummaan haala jiru to’atee akka jiru agarsiisas jedhameera. Daawwannaan muummichi ministeera Baahirdaaritti taassisan erga walitti bu’iinsi kun ho’ee as kan jalqabaatis jedhameera.
Show more ...

IMG_5376.MP4

72 592
19
#KUTAA_12FFAA Sagantaa guyyaa qormaata kutaa 12ffaa Kan bara 2016 ifoomee jira. Haaluma kanaan Qoramtoonni saayinsii hawaasaa Roobii (03/11/2016)       Ganama :- Afaan Ingiliffaa       Guyyaa  :- Herregaa Kamisa:- (04/11/2016)       Ganama :- Aptituudii       Guyyaa  :- Ji'oograafii Jimaata:- (05/11/2016)       Ganama :- History       Guyyaa  :- Economics  Qoramtoonni saayinsii uumamaa Adoolessa 9-11/2016 fudhatu. Kibxata:- (09/11/2016)       Ganama :- Afaan Ingiliffaa       Guyyaa  :- Maths Roobii (10/11/2016)       Ganama :- Aptituudii       Guyyaa  :- Physics Kamisa:- (11/11/2016)       Ganama :- Chemistry       Guyyaa  :- Biology Qoramaanni Bara 2016 magaalota filatamoo ta'an keessatti barattoonni filataman toora interneetii kan fudhatan yoo ta'u, barattoonni kan hafan Yunivarsitiiwwan keessatti waraqaan ni fudhatu jedhameera. Magaalota filatamoo 25 qormaanni kutaa 12ffaa toora interneetiin itti kennamu fuulduratti ifa ni ta'a.
Show more ...
84 435
450
#ADS Oduu gamachisa jaalattoota ispoortii maraaf 👉Odefannoo Ispoortii 👉Tamsaasa taphoota 👉Odeeffannoo jijjirraa Ispoortii saffisaan chaanaliin iratti argatan isiniif banameera.
51 355
5
Itoophiyaan mootummaa Falasxiin deeggarte. Kaleessa galgala Yaa'ii Waliigalaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Ameerikaa magaalaa Niwyoork keessatti geggeeffame irratti sirni sagalee walitti qabuu Falasxiin biyya haa taatu moo hin ta’inii geggeffamaa ture. Kana waliinis Itiyoophiyaan biyya nagaa ta'uun akka isheef malu sagalee akka kennite marsariitii dhaabbatichaa irraa argameera. Murtoon Itoophiyaa kunis Israa'el dallansiiseera jedhama. Falasxiin gama isheetiin deebii kenniteetti, "Namoota bilisummaa Falasxiiniif sagalee kennan hundaan galatoomaa" jetteetti. Itiyoophiyaa dabalatee biyyoonni 143 Falasxiin biyya ta’uun isheef mala jechuun sagalee kennaniiru. Biyyoonni sagal Falasxiin biyya ta’uu hin qabdu jechuun kan sagalee kennan yommuu ta’u , biyyoonni 25 Ameerikaa dabalatee callisuu filataniiru.
Show more ...
76 979
26
Nyaata Yuunivarsitii Haramaayaa!
76 017
25
Last updated: 11.07.23
Privacy Policy Telemetrio