Ambaasaaddara Itoophiyaa dabalatee Dippilomaatota 12 irrattii haleellaan Boombii raawwatame.
Paakistaanitti ambaasaaddara Itoophiyaa dabalatee dippilomaatota 12 irratti haleellaan boombii raawwatame.
Paakistaanitti haleellaan boombii konkolaataa jila dippilomaatotaa kan ambaasaaddarri Itoophiyaa Obbo Jamaal Bakar keessa jiran irratti raawwatame lubbuu poolisii dippilomaatota dabaalee deemaa ture tokko galaafate.
Haleellaan kun dippilomaatonni biyyoota adda addaa Paakistaan bakka turizimiin beekamtu Iswaat Vaalii jedhamtu daawwachuuf yeroo jiran Dilbata kaleessaa dhaqqabe.
Jilli dippilomaatota haleellaan kun irratti qiyyeefate amabasadara Itoophiyaa dabalatee, kan Ruwaandaa, Indoonezhiyaa, Raashiyaa, Kazaakistaan fi Zimbaabuwee fi kanneen biroo akka keessatti argaman gabaafameera.
Haleellaa kanaan dippilomaatota kanneen irratti miidhaan dhaqqabe kan hin jirre ta’uus, lubbuu poolisii tokko galaafachuun poolisoota afur biroo madeesseera.
Itoophiyaan karaa Ministeera Dhimma Alaatin haleellaa raawwatame balaaleffachuun maatii miidhamtootaaf, uummata fi mootummaa Paakistaaniif jajjabina hawwiteetti.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
Показать полностью ...